Welcome to Rammis Bank Official SIte
Use Rammis Bank USSD Banking *678#
+25111-562-1202
info@rammisbank.et
Facebook Instagram Tiktok Telegram
  • Home
  • About us
    • Company Profile
    • Organizational Structure
    • Board Directors
    • Sharia Board
    • Executive Management
  • Our Services
    • DIGITAL BANKING
      • USSD
      • Mobile Banking
      • Internet Banking
    • RETAIL BANKING
      • Wadia Savings Account
      • Hajj Saving Account
      • Investment Account
        • Fixed Term Deposit
        • Flexi Term Deposit
      • Temporary Saving Account
      • Foreign Currency Saving Account
    • FINANCING
      • Muderabah & Musheraka
      • Murabaha
      • Ijarah
      • Istisnaa
    • RETAIL BANKING
      • Domestic Banking
      • International Banking
  • Media
    • NEWS & PRESS RELEASE
    • ANNUAL REPORTS
    • INTERNATIONAL STANDARDS
    • GALLERY
  • Contact us
  • Vacancy
Search

Yaa’ii waliigalaa idilee fi ariifachiisaa abbootii aksiyoonaa 2ffaa

November 18, 2024 /Posted byRBSystem Admin / 1275 / 0

Baankii Raammis W.A

Abbootii Aksiyoonaa Baankii Raammis Hundaaf

Beeksisa Ulaagaa eeruu kennuu fi filannoo miseensota boordii daayirektarootaa beeksisuuf bahe

Baankiin Raammis yaa’ii waliigalaa idilee fi ariifachiisaa abbootii aksiyoonaa 2ffaa Mudde 12, 2017 A.L.Itti Hoteela Ilillii Internationalitti ni gaggeessa. yaa’ii waliigalaa idilee kana irrattis filannoo miseensota boordii daayirektarootaa ni gaggeessa.

Ulaagaan eeruu kennuu fi filannoo Boordii Daayirektarootaa kun akkaataa Qajeelfama Baankii Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Lakk.SBB/91/2024 keewwata 9 (3) tiin kan maxxanfame yoo ta’u, abbootiin aksiyoonaa waldya Baankii Raammis guyyaa yaa’iin waliigalaa adeemsifamu kanatti kaadhimamaa ulaagaa guutan eeruu fi filachuu kan danda’an ta’uu ibsina.

Ulaagaalee eeruu kennuu fi filannoo boordii daayirektarootaa ilaalchisee

  1. Yoo xiqqaate digirii jalqabaa ykn sadarkaa barnontaa kanaan wal-gitu dhaabbata barnoota olaanaa beekamtii qabu irraa kan argate fi gosa hojii rogummaa qabuu yoo xiqqaate muuxannoo waggaa 7 kan qabu/qabdu;
  2. Miseensa Boordii Daayirektarootaa ta’ee tajaajiluuf fedhii kan qabuu fi hojii kanaafis yeroo barbaachisaa ta’e kennuu kan danda’u;
  3. Gahumsa barnootaa fi muuxannoo Biizinasi, Maaneejimantii, Baankii, Faayinaansii, Akkaawuntiingii, Ikonoomiksii, Seera, Bulchiinsa Blizinasii, Odiitii, Infoormeeshin Teeknooloojii, Maaneejimantii Invastimanti fi itti fufiinsa kan qabu/qabdu tahuu qaba.
  4. Miseensa Boordii Daayirektarootaa Walabaa ta’ee filamuudhaaf dhaabbata barnoota olaanoo beekamtii qabu irraa gosa barnootaa baankii, herregaa, odiitii, faayinaansii, bulchiinsa daldalaa, dinagdee, seeraa, teeknooloojii fi dameewwan kanaan walqabataniin digirii lammaffaa ykn gahumsa ogummaa kanaan walgitu qabaachuu qaba.
  5. Miseensa Boordii Daayirektarootaa Walabaa ta’ee filamuudhaaf yoo xiqqaate muuxannoo ogummaa damee faayinaansii ykn barsiisummaa/gorsuu, ykn odiitii ykn bulchiinsa balaa ykn damee faayinaansii wajjin walqabatu kamiyyuu irratti muuxannoo ogummaa waggaa kudhan (10) qabaachuu qaba.
  6. Namoonni lammummaa isaaniitiin Itoophiyaa hin taane Daayirektaroota Walaba ta’anii tajaajiluuf filatamuu ni danda’u.
  7. Nama amala gaarii qabuu fi amanamaa ta’e; akkasumas gocha amantaa hir’isuu fi yakka walfakkatoodhaan murtiin balleessummaa kan itti kennamee hin beekne;
  8. Namni daayreektaraa jaarmiyaa/dhaabbilee afur ol ta’ee tajaajila jiru filatamuu hin danda’u;
  9. Hojii Baankii irratti murtii sababa qabeessaa fi qabatamaa ta’e kennuu kan danda’uu fi itti gaafatamummaa isa irraa barbaachisu bahachuu fi bahuu kan danda’u;
  10. Leenjii fi ijaarsa dandeettii itti fufiinsa qabuun itti gaafatamummaa irraa eegamu bahachuu kan danda’u;
  11. Dhimmoota bizinasii rakkisoo ta’an madaaluu, murtii sababa qabeessa ragaan deeggerame murteessuu, yaada murtii fi tarkaanfii hoggansa baankichaatiin kenname haala ijaaruu danda’uun qeequu kan danda’u;
  12. Miseensoota boordii biroo waliin tumsaan hojjechuu kan danda’uu fi dandeettii hariiroo gaarii uumuu kan qabu:
  13. Hojii daayireektara irraa barbaadamu raawwachuuf waldhabdee dantaa irraa bilisa fi walaba kan ta’e;
  14. Dantaa abbootii aksiyoonaa eegsisuuf kutannoo cimaa kan qabu;
  15. Yoo xiqqaate umuriin isaa waggaa 30 kan ta’ee; fi
  16. Ulaagaalee biroo Qajeelfama Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa baase keessatti ibsaman guutuu qaba.

Haalota adda addaa

  • Eeeruun kennamu hunduu gahumsa barnootaa fi muuxannoo kaadhimamaa, akkasumas eenyummaa abbaa aksiyoonaa eeruu kennee ibsuu qaba;
  • Abbaan aksiyoonaa ofiif eeruu kennuu ni danda’a.
  • Dhaabatni qaama seerummaa qabu tokko akkaataa tumaalee Seera Daldalaa rogummaa qabuun miseensa Boordii daayirektarootaa ta’ee filatamuu ni danda’a.
  • Daarektaroonni amma jiran akkaataa seeraan hayyamameen irra deebi’anii filatamuu ni danda’u.
  • Yoo xiqqaate dubartootni 2 (lama) miseensa Boordii daayireektaroota keessa jiraachuu qabu.
  • Lammiin biyya alaa dhalootaan Itiyoophiyaa tahan miseensa boordii tahe/taatee filatamuu ni danda’a.
  • Boordiin Daayirektaroota Baankii Raammis W.A miseensota 13 ni qabaata.
  • Miseensota boordii keessaa 1/3 abbootii aksiyoonaa dhageettii olaanaa hin qabne keessaa kan Filataman yoo ta’u, eeruu fi filannoonis abbootii aksiyoonaa dhageettii Olaanaa hin qabne qofaan gaggeeffama
  • Miseensota boordii keessaa 1/3 abbootii aksiyoonaa hunda keessaa kan filataman yoo ta’u, eeruu fi filannoonis abbootii aksiyoonaa hundaan kan raawwatamu ta’a.
  • Miseensota boordii keessaa harki 1/3 Boordii daayirektaroota walaba yeroo ta’an Boordii daayirektaroota amma hojii irra jiruun kan kadhimamanii fi abbootii aksiyoonaa hundaan kan filataman ta’a

Hubachiisa: Ibsi saala dhiiraan dhiyaate hundi saala dubartiis ni ilaallata.

Barreessaa Waldichaa
Baankii Raammis W.AA

Share Post
Terms and Tarrifs
2ኛ የባለአክሲዮኖች መደበኛ እና 2ኛ አስቸኳይ ...

Related posts

ANNUAL REPORT2023/24

January 3, 2025 0
Continue reading

BOARD OF DIRECTORS ELECTION RESULT

December 23, 2024 0
Continue reading

IBSA ADEEMSA KENNIINSA EERUU BOORDIIDAAYIREKTAROOTAA / የዳይሬክተሮች ቦርድ የጥቆማ አካሄድ መግለጫ

November 25, 2024 0
Continue reading

2ኛ የባለአክሲዮኖች መደበኛ እና 2ኛ አስቸኳይ ጠቅላላ ጉባዔ

November 18, 2024 0
ራሚስ ባንክ አ.ማ ለራሚስ ባንክ አ.ማ ባለአክሲዮኖች በሙሉ የዳይሬክተሮች ቦርድ አባላት ጥቆማና ምርጫ መስፈርት ለማሳወቅ የወጣ ማስታወቂያ ራሚስ ባንክ አ.ማ ታህሳስ 12 ቀን 2017 ዓ.ም... Continue reading

Leave a reply Cancel reply

Your email address will not be published. Required fields are marked

Blog Categories

  • Latest Updates (5)
  • News (11)
  • Terms and Tarrifs (1)
Flow to the hightest

Rammis Bank

Rammis Bank S.C., a fully-fledged interest-free bank in Ethiopia, was established on October 04, 2022, with a vision to become the hub of interest-free banking in East Africa.

  • Quick Links

    • Home

      Hot
    • About Us

    • Our Services

    • More Info

    • Vacancy

    • Contact Us

Contact Us

Bole Main Road, Flamingo Area, Rammis Tower

011-562-1202

info@rammisbank.et

www.rammisbank.et

Dial *678# for USSD

Follow Us

Facebook Instagram Tik-tok Telegram

Signup Newsletter

Copyright © 2025 Rammis Bank S.C. All rights reserved.

Terms and Conditions
Privacy Policy